Koolleejjiiwwan Ogummaafi Teeknikaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Bara Kana Barattoota 4200 ol Simatee Barsiisuuf Qophiin Xumuramuun Ibsame.

Biiroon Gahumsa Hojii Bulchinsaa Dirree Dhawaa

bara Barannoo 2018tti qophii Simannaa Barattoota ogummaafi teeknikaan walqabsiisuun Ibsan gaazeexessummaa Kenne.

Hoggantuu Itti Aantuun Biiroo Ogummaa Hojii Bulchinsaa Dirree Dhawaafi Daarektaara Ejensii Leenjii fi Ogummaa Aadde Faxxum Musxafaa ganama har’aa ibsa gaazeexessummaa kennaniin barattoota kutaa 12tti qormaata biyyoolessaa fudhatanii qabxii seensa Yuunivarsiitii osoo hinargatin hafan akkaataa Ministeerri Ogummaa Hojii qabxii teekniikaafi ogummaa isaan seensiisu dhiheenyatti ifoomseen Kollejjoonni teeknikaafi ogummaa mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa keessatti argamanis barattoota 4200 ol ta’aan ogummaawwan garagaraa sadarkaa (Level) 1- 6) Kollejjoonni dhuunfaa immoo sadarkaa (level1-4) tiin kan leenjisan Onkololeessa 12-30/2018 tti simatee barsiisuuf qophii xumuranii jiraachuu ibsaniiti jiran.

Bulchinsatti Kollejjoota Ogummaafi teeknikaa Mootummaa 2fi Manneen dhuunfaa 5 jiraachuu kan eeran Aadde Faxxum Musxafaa Barattooonni qorumsa Biyyooleessaa Kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii Yunivarsitiifi Rimeediyaalii galuu hindandeenye Ogummaawwan teeknikaa garagaraa akkaataa dandeettiifi kalaqaa akkasumas fedhii qabaniin filatanii guyyaa boruu jechuunis Onk. 12 irraa jalqabanii hangs Onk 30/2018 galmaa’uun barachuu akka danda’an eeranii Manneen Kollejii Dhuunfaatti Baratan galmeen Isaanii Aanaaleerratti madaallii “Psychometric” fudhachuudhaan koodii ( level ID) kennameef qabatanii akka kollejjii barbaadanitti galmaa’uu danda’aniifi Manneen Kollejjiiwwan mootummaatti barachuu barbaadanis Madaallicha Kollejjichumatti fudhachuudhaan Koodii ( level ID) isaanif kenname fudhachuudhaan akka galmaa’uu danda’an ibsaniiti jiran.

Kollejjoonni Bulchinsaa Dirree Dhawaa Qulqullinaafi Ga’umsa Sadarkaasaa eeggateen dargaggoota Ogummaa garagaraa oomishaa jirachuurratti beekamtii idiladdunyaa qabaachuu kan eeran Aadde Faxxum Musxafaa ibsan isaanii keessatti Barattooonni naannoolee Ollaafi biyyoota Gaafa Afrikaarraa dhifanis simatee leenjisuudhaaf Carrara uumee jiraachuu dubbatanii lammiin kamiyyuu Manneen barumsa sadarkaa lammaffaa xumuranii qabxii seensa Yunuvarsitii hinargatin Ogummaawwan baay’ee barbaadamoo ta’aniifi dandeettiifi kalaqaa isaanii wàliin Zeeman barachuudhaan Carrara Hojii biyya keessafi alaa uumameefitti akka fayyadaman dhaamsa dabarsaniiti jiran.

Dhumarrattis Aadde Faxxum Kollejjoonni hundumtuu Filannoowwan miidiyaafi komunikeeshinii garagaraatiin ulaagaaleefi gulantaalee Ogummaafi teeknikaa akkaataa qabxii seensaa Ministeerri Ogummaa Hojii Maureen simachuuf qophii ta’uu beeksisuun waamicha akka dabarsan dhaamaniiti jiran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *