Gaggeessaa Qormaata kamiifuu hin jilbilffane Kan Ga’uumsa Guddaa qabu horachuuf daran Kan hojjatamu ta’uun ibsame

Gaggeessota ol’aanoofi jiddu galeessaa Bulchiinsa Dirree Dhawaaf Leenjiin kennamuu jalqabe Guyyoota 3ffaaf itti fufee jira.

Oolmaya guyyaa 3ffaatiin akkaataa hawaasa akkasuma hogaansa rakkoo dandamachuun furmaata waaraa kennuun kaayyoo fi mul’ata biyyaa itti dhugoomsuun danda’amurratti xiyyeeffachuun leenjiin kennameeti jira.

Bara kana keessa dhiibbaa Miidiyaaleen hawaasaa uumaa jiran qolachuun odeeffannoo sirrii hawaasa biraan gahuudhaan, hawaasaa odeeffannoo sirriitiin socho’u horachuu ta’uu leenjichaa irratti kaafamee jira.

Hirmaattoonni leenjichaatiis yaada kennanii biyyii teenya Itoophiyaa seenaa qabduu irra ka’uun rakkolee baay’eef osoo hin jilbiiftiin cimtee Sadarkaa kan irraa gahuu kaasuun dhaloonni haaradha akkaataa biyyattii gara fuulduraa taarkanfaachiisuu danda’amu irratti hojjachuu akka qabni eeramee jira.

Kanaafiis nageenyi murteessaa waan ta’eef roga hundaan lammiileen marti qindoominaan hojjachuu qaban jedhamee jira.

Hirmaattooni waltajjichaatiis leenjichaa irraa muxxannoo bal’adhaa argaachuu dubbachuun garaa hawaasatti gadi bu’uun ni hojjanna ja’an.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *