Baankiin Daldala Itiyoophiyaa
#DGC 17/2017
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Dameen Dirree Dhawaa Ayyaana Dhufaa jiru Kan dhuma Baatii Ramadaanaa jechuuniis Ayyaana Iid Al-Fixiir Sababeefachuun Ramadaanni “Tokkummaa fi Gaarummaaf” mata duree jedhuun hawaasa Galii gad-aanaa qabaniif sagantaa Maddii qooduu gaggaasse.
Sagantaa Maddii Qooduu Kan Hawaasa Galii gad-aanaa qaban Kan Aanaalee Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa saylan irraa Walitti babahan Abbootii Warraa 150f Maddii qopheesse Bakka Qondaaltonni ol’aanoon Bulchiinsaa argamanitti raabseera.
Saganticha irratti haasaa kan taasisan Hoggantuun Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Mulukaa Mohaammad akka jedhanitti, kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban deeggaruun hojii Uumaan jaallatamu waan ta’eef, hojiin baankichi hojjete dhaabbilee biroof akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama jedhan.
Itti dabaluunis paartiin keenya paartii ummata irratti xiyyeeffate waan ta’eef hojii keenya hunda keessatti mirga namoomaa dagaagsuuf hojjechaa jirra jedhan.
Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Obbo Gezaaheny Gama isaaniin Sagantaa Maddii waliin qoodu hawaasa keenyatti dhihaannee Aadaa gamtaa keenya cimsuu fi Hariiroo keenya guddisuu kaayyeefachuun kan gaggeefame rakkoo hawaasaa qooddachuuniis barbaachisaadha jedhan.
Sagantaa kana irratti Itti Anaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Hogganaan Biiroo Daldalaa, Industirii fi Invastimantii obbo Harbii Buh, Afyaa’iin Mana Maree bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Fatiiyaa Aden, fi qondaaltonni olaanoo bulchiinsa argamaniiru.
Qaamoleen Hawaasaa deeggarsi taasifameef Maddiin qoodameef Akka gammachiise ibsanii kanaafiis galata guddaa qabanaa jechuu ibsaniiru.
Muktar Ahmediin


