Hojiin Misooma Koriidaraa Aanaa 01tti Hojjetamaa Jiru Malkaa Jabduu Dhukkeefi Balfa adda addaarraa bilisa taasisaa Jiraachuu bifa haaraan miidhagina addaa gonfachiisaa jiraachuu jiraattoonni magaalattii dubbatan.
Hogganaa Waajjira Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaafi Deeggaraa Hojii Misooma Koriidaraa Aanaa 01 kan ta’an Obbo Fu’aad Mohammed daandii guddichi “highway” aanicha keessa dabruun bara ganda Industirii geessu haala baay’ee miidhagaa ta’een hojjetamaa jiraachuufi manneen daandiirraas haaromsamuufi aanichi magariisummaa gonfachaa jiraachuu ibsan.
Jiraattota Aanichaa kan ta’an tokko tokko yaada kennaniin Malkaa Jabduun kanaan dura daandii baay’ee qal’aa konkolaattota walbira dabruuf rakkisu, awwaaraan guutameefi balfa adda addaatiin guuttameen beekamti ture amma garaa misooma koriidaraatiin daandii bal’atee balfi qulqullaaa’eefi asphaaliin hojjetamuun bifa aanicha baay’ee geeddaraati jira.
Misoomni Koriidaraa magaalaa qulqulleessaafi miidhagina magaalattii gonfachiisaa jirachuu eeranii misooma Koriidaraa aanichatti hojjetamaa jiru kana itti fufsiisuufi saffisaan akka xumuramu naannoo mana jireenyaa ofii qulqulleessuun manneen daandii cinaa halluu bareedaa dibuudhaan humnaan maallaqaanfi waan danda’an hundumaa cinaa dhaabbachaa jiraachuu jiraattonni aanichaa ibsaniiti jiran.


