Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Bulchinsa Dirree Dhawaa Mataduree “Miidiyaa Dijitaalawaa Waliigaltee Olaa’aanaaf!”jedhurratti Ogeeyyii Miidiyaa,fi komunikeeshinii dhaabbilee mootummaafi Ogeeyyii Qunnamtii Hawaasaaf leenjii dandeettii cimsuu Kenne.
Leenjichi Akkaataa Miidiyaa fi Kumunikeeshinii Tajaajilaa Ummataaf oolchuun danda’amuufi akkaataa Hojiileen Miidiyaafi Komunikeeshinii nageenyaafi birmadummaa biyyaa eegeen naamusaan adeemsifamuu akka qabuufi karooraan deeggaramuu akka qabanirratti sanadni leenjii dhihaachuun Marion bal’aan taasifameeti jira.
Waltajjiichaa leenjii kanarratti Hoggantoonnifi Ogeeyyii Miidiyaaf Komunikeeshinii Biiroowwan dhimmoota Komunikeeshinii Bulchinsa Dirree Dhawaa, qindeessitoonni Qunnamtii dhaabbileefi Aanaalee bulchinsaa kan argamaniiti yommuu ta’u, leenjichi guyyoota lamaaf kan Itti fufu ta’uun beekameeti jira.


