Waajjira Hoji-gaggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaa fi Dhaabileen waamamtoota isaa waltajjii marii Raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara bajataa 2017 irratti gaggeessan.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti lammiiwwan Sagantaa Seeftiineetiin fayyadamoo ta’an Sadarkaa jireenya Jiraattota Bulchiinsaa fooyyessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Hoji-gaggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaa Injiinar Jamaal Ibraahim ibsan .
Waajjira Hoji-gaggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaatti Kan jalqabame Hojii Riifoormii Dhaloota Sadaffaa yeroo qabamee firri akka xumuramuuf sirnaan gamagammiin irratti gaggeefamuus Injiinar Jamaal Ibraahim ibsan .
Milkaa’ina Karoora Hojiif Iddoo hojii mijaawaa uumuu fi Dandeettii Ga’uumsa hojjii guddisuu fi hoj-maataa Teknooloojiin deegarame hordofuudhaan Hordofii fi Deegarsa akkasumaas sirnaan gamaagamuudhaan guddina gamtaaf hunduu shoora gama isaa gumaachuun akka irraa eegamuus Injiinar Jamaal himan.
Waajjira Hoji-gaggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaatti Daayireektarri Daayireektoreetii Kurfii Karooraa fi QophiiHordofii fi Deegarsaa kan ta’an Aadde Stadaala Baqqalaa gama isaaniin kurmaana 1ffaa bara bajataa 2017tti galii Mana Qopheessan guddisuufi hojiiwan Misoomaa kanneen gaaffii jiraatotaa deebisan saffisaa fi Qulqulinaan raawwachuuf hubannoo fi Murannoo hojjatootaa uumuuf waltajjiin gamaaggamii kun gaggeefamuu ibsan.


