Gaaffiin maxxansaa nagahee koodii eenyummaa addaa waliin dhiyaachuu hanga Gurraandhala 30, 2017tti dheerate.

Adeemsa nagahee maxxansuu ilaalchisee kaleessa hooggantoota damee galii naannichaa fi bulchiinsa magaalaa waliin sadarkaa biyyaatti marii intarneetii irratti gaggeeffamee ture. Kaffaltoonni gibiraa sababoota adda addaatiin nagahee koodii addaa (QR Cod) Ministeera Galiiwwanii of keessatti hammate maxxansuuf gaaffii hin dhiheessine jiraachuu isaanii tilmaama keessa galchuun bulchiinsi Dirree Dhawaa yeroon murtaa’e akka dheeratu murteessee jira tting gaaffii maxxansaa hanga Gurraandhala 30, 2017tti. Daarektarri Leenjii Barnootaa fi Daarektoreetii Tajaajila Maamiltootaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Obbo Akliileen Taaxaq ibsaniiru.

Akka bulchiinsi Dirree Dhawaatti kaffaltoonni gibiraa sadarkaa A fi B 3,800 nagahee harkaan ni maxxansu jedhamee eegama.

Obbo Akliluunn kaffaltoonni gibiraa hundi yeroo dheereffame fayyadamuun tajaajila maamilaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiyaachuun adeemsa nagahee maxxansuu akka eegalaniifis waamicha dhiyeessaniiru.

Daayirektoreetichi nagahee yeroon maxxansuun dhiphina hin barbaachifne, itti fayyadamuu fi hojiin addaan cituu akka hin uumamne eeruun nagahee hanga ammaatti maxxanfame raabsuun akka eegalu beeksiseera.

Yaassin Abdallaatiin

Suuraa: Teediroos Luulsagad

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *