Biiroon Ogummaa Hojii Bulchinsa Dirree Dhawaa Koollejjii Pooliiteeknikaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Giddugala Barnoota ICT fi Qorannoof Qo’annoo Sadarkaa Afrikaatt Tajaajilu Baasii Birrii Mil. 384n ijaarsisuuf sirna Dhawaa Bu’uraa Kaa’uu Gaggeesse.
Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf, Bakka Bu’aa Dhaabbata “Skill Initiative For Africa” Dr. Ayyalaa Gizaachuu, Hoggabaa Biiroo Ogummaaf Hojii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Roobeel Geetaachoo Waliin ta’uun dhagaa bu’uraa kaa’aniiti jiran.
Kabajamoo Kantibaan haasaa taasisaniin Giddugalli ICT kuni magaalaa Ismaart gochuuf hojiileen bulchinsatti hojjetamaa jiran deeggaruu bira dabree ogeeyyii barumsa ICT sadarkaa Afrikaatti ga’umsa qaban dhiheessuurratti faaydaa guddaa kan qabnu ta’uu ibsan.
Giddugalichi baasii Birrii Mil 384 yookiin Yuurra Mil. 2fi Kuma 300 n kan ijaaramuufi yommuu ta’a Yuuroo mil. 2 Baankii Jarmaniifi Yuuroo Kuma 300 immoo Bulchinsi baasii taasisuun kan ijaaramuufi ta’uun beekameeti jira.
Gamoon Giddugala ICT kunis Kutaawwan 42 kan qabu yommuu ta’u, kutaawwan “ismart, laoratotorii koompitaraa, kutaa qorannoof qo’annoo, dared barnootaa, istudiyoo dizaayinaa, gamma koonfaransii, Mana kitaaba dijitaalaafi kanneen biroos kan qbu ta’a.
Sirna dhagaa bu’uraa kaa’uu kanarratti miseensonni kaabinee bulchinsaa, hoggantoonniifi barsiisonni kollejjichaa argamaniiti jiran.


