Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Gurmuun Dubartootaa hooggantoota adda duree fi miseensota Gurmuu dubartootaa, dhaabbilee fi Aanaale irraa dhufaniif leenjii itti fayyadama miidiyaa irratti xiyyeeffate kenneera.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaattii Ittii Gaafatamtun Gurmuu Dubartootaa Aadde Iftuu Mohaammad waltajjicharratti haasaa taasisaniin itti fayyadama miidiyaa ammayyeessuun hojiiwwan miidiyaa fi qunnamtii dhugaa fi beekumsa irratti hundaa’an hojjechuu keessatti gaheen hoggansa sadarkaa hundatti qabu murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Gareen hoggansaafi miidiyaa filannoowwan miidiyaa hunda haala sirrii ta’een fayyadamuun imaammataa fi ajandaa dhaabichaa beeksisuu fi bu’a qabeessummaa isaa guddisuu qaba kan jedhan Aadde Iftuu mahaammad dhaaba cimaa ijaaruu keessatti miidiyaan ammoomina qindoomina qabu iddoo guddaa akka qabu hubachiisaniiru.
Aadde Iftuun itti dabaluunis garee miidiyaa cimaa fi mootummaa deebii kennuu dandahu ijaaruu keessatti fayyadamni miidiyaa iddoo guddaa akka qabu cimsanii kan ibsaniru.
Waltajjicharratti sanadni mata duree “Itti Fayyadama Miidiyaa: Garee Miidiyaa Hirmaannaa Dijitaalaa Bu’a qabeessa” jedhuun dhiyaatee mariin kan taasifame yommuu ta’, Hirmaattoonni waltajjichaas fayyadama miidiyaa hordofuu fi deeggarsa gochuun kan itti fufan tahuu ibsaniiru.


