Dargaggoon gurmaa’uudhaan sochii biyya ijaaruuf taasifamu keeysatti shoora gama isaa bahachuu qaba.”Itti Aanaa waajjira paartii badhaadhinaa damee bulchinsa dirree dhawaa fi Itti Gaafatamaa Siyaasa Obbo Shaakir Ahammad,

“Dargaggoo teknolojiin gahoomee fi Dirree Dhawaa dijitaala uumuu danda, u haa Ummnu ” mata duree ja’uun waajjirri goblaa dargaggootaa paartii badhaadhaa damee bulchinsa dirree dhawaa hoggansa goblaa dargaggootaa bulchinsa dirree dhawaatti argamaniif leenjii kenne.

Saganticharratti kan argaman itti aanaan waajjira paartii badhaadhinaa damee dirree dhawaa fi itti gaafatamaan siyaasaa Obbo Shaakir Ahammad,Dargaggoon gurmaa’uudhaan sochii biyya ijaaruuf taasifamu keeysatti shoora gama isaa bahachuu qaban ja’anii jiran.

Obbo shaakir itti dabaluudhaan dargaggoota teeknolojiin gahoomee, sochiilee roga siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keeysatti odeeyfannoon deeggaramuun dammaqinaan hirmaatu horachuun murteeysaa tahuu ibsan.

Sanadni haala qabatamaa addunyaa, biyyooleysaa fi dirree dhawaa jiddugala godhate Itti gaafatamaa waajjira mana marii bulchinsa dirree dhawaa obbo Ahammad Sa’idiin dhiyaatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *