Kilabiin Ispoortii Magaalaa Dirree Dhawaa Dhaabbata Injinariingii fi Daldalaa Taan Waliin Waliigaltee Ispoonsarummaa Waggaa 3f mallatteesse.
Sirna waliigaltee Ispoonsaraaf mallatteessuu kanarratti taphataan garee biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Injinariingii fi Daldalaa Taan Obbo fu’aad Ibraahim Kilabii Ispoortii Kubbaa Miilaa Dirree Dhawaaf ispoonsara tahuu isaatti gammachuu guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Dhaabbanni isaanii kilabichi Dirree kubbaa miilaa irratti dorgomaa cimaa akka ta’uuf deeggarsa itti fufiinsa qabu kennuudhaaf qophii ta’uu Obbo Fo’aad dubbataniiru.
Hojigaggeessaa Waajjira Bulchinsaa Magaalaa Dirree Dhawaa fi Pireezidaantiin Boordii Kilabii Kubbaa Miilaa Dirre Dhawa Injiinar Jamaal Ibraahim akka jedhanitti, kilabichi ummata isaa tajaajiluu itti fufuu fi bu’uura dhalattootaa fi hiriyyoota Dirree Dhawaa ta’uu akkasumaas,
madda ispoonsara dabaluu fi bu’uura ummataa babal’isuun kilabichi galii isaa guddisuun ofuma isaatii akka dhaabbatu taasisuun barbaachisaa tahuu akka qabu Injiinar Jamaal dubbataniiru.
Hoggantuun Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Mulukaa Mahaammad hoggantoonni, leenjistoonni fi taphattoonni kilabichaa haala maqaa gaarii Dirree Dhawaa kubbaa miilaa keessatti deebisuun ummata waliin akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Aadde Mulukaan Dirree Dhawaan bakka hormaata atileetota hedduu ta’uu fi dargaggoota irratti taphattoota garee guddichaaf madda galii ta’an oomishuuf ciminaan hojjechuu akka qabu eeraniiru.


