Marii fi tumsa waloo naannoolee ollaa gidduutti taasifamu wal-dhabdee naannoo furuu fi hariiroo Uummataa cimaa uumuuf kan gargaaru tahuu,Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Marii Federeeshinii Aadde Zahraa Umad ibsan.

‎Manni marii Federeeshinii Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa dhaabbata UNDP waliin ta’uun Waltajjii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti waltajjii walitti dhufeenya mootummaa fi ijaarsa nagaa naannolee ollaa Baha Ityoophiyaa gidduutti xiyyeeffate qopheeyse gaggeesse.

‎Sirna hariiroo mootummoota biyya keenyaa gidduu jiru cimsuu fi siranaawaa taasisuuf labsiin Dambii Hariiroo Mootummoota Gidduu jiru cimsuu Lakk. 1231 /2013 eerga bahee bubbuleeti jira.

‎Haa tahuu malee bu’uura labsii baheen waltajjiiwwan kilaastara naannoo ja’a kan hundeeffaman ta’us, sadarkaa barbaadamuun cimsuu fi gumaacha isaan irraa eegamu gumaachuu dhabuu isaaniitiin akka hin milkooyneef rakkinni akka ture ibsameeti jira.

‎Waltajjicha haasawaa kan banan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh naannolee ollaa karaa bu’uuraalee misoomaatiin walqunnamsiisuuf, walitti bu’iinsa karaa nagaa fi itti fufiinsaan furruf akkasumas damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin fayyadamummaa wal qixa mirkaneessuuf waltajjiichi kan gargaaru ta’uu ibsanii jiran.

‎Obbo Harbiin Itti dabaluun daandii Finfinnee-Adaamaa, Mi’eesso-Dirree Dhawaa naannolee ollaa walqunnamsiisuun alatti daandii baaburaa Fiinfinnee -Jibuutii walitti hidhamiinsa ummataa, walitti hidhamiinsa daldalaa, waljijjiirraa aadaa fi hariroo obbolummaa uumuu ibsaniiti jiran.

‎Kaayyoon waltajjicha naannolee ollaa Baha Itiyoophiyaa shanan jachuunis naannoo Oromiyaa, Somaalee, Affaar fi Hararii akkasumas bulchiinsa Dirree Dhawaa walitti fiduun waltajjii hariiroo mootummaa naannolee ollaa gidduu jiru cimsuu fi itti fufiinsa dhaabbataa taasisuudha kan ja’an, itti Aantuun Af-yaa’ii mana marii federeeshinii Aadde Zahraa Umad marii fi tumsa waloo naannolee ollaa gidduutti taasifamu dhaabbataa godhuun waldhabdee naannoolee furuuf,

‎hariiroo ummataa cimaa ijaaruuf, bu’uuraalee misoomaatiin walqunnamsiisuuf, akkasumas waldhabdee karaa nagaa fi itti fufiinsa qabuun hiikuuf waltajjiichii akka gargaaru ibsaniiti jiran.

‎Waltajjii marii kanarratti itti anaan kantiibaa obbo harbii Buuh , itti aantuun Af-yaa’ii mana marii federeeshinii Af-yaa’oonni manneen marii, walitti qabdonni koree dhaabbii Mana Marii, hoggantonni nageenyaa fi haqaa , hoggantonni paartii badhaadhinaa naannoolee fi bulchiinsa Dhawaa hirmataniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *