Kitaabni “Hiigaa” Mataduree jedhuun Afaan Oromootiin Barreefffame Eebbifame.

Kitaabni Qabiyyeensa filoosofii addunyaa hangaa hawaa Injinar Nasraddiin Hassen Mataduree “Hiigaa” jedhuun barreesse har’a Magaalaa Dirree Dhawaa Hoteela ‘B-Capital’ itti eebbifame.

Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin kitaabni ‘Hiigaa’ Dirree Dhawaa madda Aartistootaafi barreessitootaa ta’uun ishee kan duubatti hindeebine ta’uu kan itti mirkaneeffatteedha jedhan.

Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Saganticharratti yommuu haasaa taasisan namoota jireenya isaanii keessatti addunyaa kanaaf waan gaggaarii gumaachan yaadaafi seenaa isaanii dhalootaaf gumaachuun dhaloota sana akka gara milkaa’inaatti ceesisuuti jedhan.

Kitaabichi boqonnaa 21 kan qabuufi fuula 370 kan qabu yommuu ta’u guyyaa kana eebbifamuun dubbistootaaf gaheefi abbaan qabeenyaa Obbo Uaadataa Juneeydii deegarsa Birrii Mil 1 barrsseessichaaf gumaachaniiti jiran.

Sagnticharratti Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar, Hagganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Hoggantoonni Olaanoon bulchinsaa abbootiin gadaafijaarsootiin biyaa artistoonnifi barreessitoonni hedd

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *