Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Guyyoota 100 keessatti Hojiin Damee Qaalayiinsa Jireenyaa irrisuuf, Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuuf Karoorfannee xiyyeeffannoon hojjachaa jirraa jedhan.

Xumura Leenjii “Ilaalcha Mootummaa Bu’aqabeessummaa Seektarootaaf” maya Duree jedhuun Hoogantoota Ol’aanoo Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaaf kenname xumura irratti kallattii kaa’ameen

Hoogantoonni Dhaabilee Maraa Damee gaggeessaniin Karoora Guyyota 100 jechuuniis Muddee 01/2018 hanga Amajjii 10/2018tti hojiirra oolu baafatanii akka raawatan bu’ura kallattii kaa’ameen Hooganaa Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuhii waliin Karoora Guyyota 100 qabamaniin akka addeessanitti Karoora Guyyoota 100 kan damee keenyaan qabameen Qaalayiinsa gatii to’achuudha Kanaafiis Dhiheessii meeshaalee kan Bu’aa qonnaas ta’eef warshaalee fi Alaagalan dabaluu keessattuu oomishaalee Qonnaas guddisuuf hojmaataa fi hariiroo Naannolee ollaa walin qabnu cimsuun Dhiheessii Oomishaaleen walqabatee Oomishtootaa fi fayyadamtoota walitti dhiheessuuf hojjatamaa jiraachuus addeessan.

Damee Turizimii guddisuuf keessattuu Tajaajila Hoteelotaa Dhaabbata Baabura Lafaa kan seenaqabeessa waggaa 125 oliif tajaajilaa ture akka jiddugala Turistiif oolutti hojiin guddisuu hojjatamaa jiraachuus addeessan.

Dhimma Indastirii walqabatee Indastiriiwan Oomishaa jiran daran cimsuu

Damee indatiriin sooschii Itoophiyaan haa oomishituu dabalatee hojiiwwaan damicharratti hojjetaman biroon indatiriiwwaan kanaan dura turan humna guutuun kan gara oomishaatti galan yoo ta’u haaraanis gara oomishaatti akka galan ta’ee jira jiedhaniru.

Itti aanaan kantiibaa Obbo Harbiin malaammaltummaa zeeroo gochuuf koreen hoggansa ijaaramee naannolee ollaa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jirus akeekaniiru.

Kanumaan walqabatee gabaa Wiixataa cimsuu bira darbee hojiin sansalata daldalaa, gatii meeshaalee dabaluu danda’u to’achuu hojjetamaa akka jiru, hojiin omishtootaa fi fayyadamaa kallattiin walitti hidhuu hojjetamaa akka jiru kantiibaan Itti aanaa Harbii ibsaniiru.

Bulchiinsa keessatti wiirtuu gurgurtaa gurmaa’uuf hojiin filannoo iddoo fi qophii taasifamaa akka jirus kantiibaa itti aanaan eeraniiru; agro processing waliin walqabatee warshaa buna qopheessu ijaaruun gara biyya alaatti erguufis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Invastimantii tarsiimoo waliin walqabatee warshaan konkolaataa walitti qabuu fi warshaan konkolaataa elektirikii oomishuuf lafa heektaara 10 naannoo daldala bilisaa fi Melkaa gidduutti argamu irratti ijaaramaa jira. Atoo Harbii akka jedhanitti, ijaaruuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira.

Xiyyeeffannoon guddaan damee omishaaf kennamaa akka jiru kan ibsan itti aanaan kantiibaan Harbii akka jedhanitti, Dire Dawaatti oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, oomisha biyya alaatii galfamu bakka buusuuf, al-ergii dabaluu fi lammiilee hedduudhaaf carraa hojii uumuuf sochiin “Manufacturing Itiyoophiyaa” gaggeeffamaa jira.

Obbo Harbii Buuh warshaalee jalqaba bara 2018 eebbifaman 11 osoo hin dabalatin indaastiriiwwan omishaa 369 kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa 38 gurguddoo, 71 giddu galeessaa fi 260 xiqqaa ta’uu isaanii kan eeru yoo ta’u, warshaaleen kunneen huccuu, nyaataa fi oomishaalee nyaataan walqabatan bal’inaan waan omishaniif baasii jireenyaa hir’isuu keessatti gahee mataa isaanii akka qaban agarsiisa.

Itti aanaan kantiibaa Obbo Harbii Buuh adeemsi warshaalee haaraa hojiitti galchuu cimee itti fufa, walumaa galatti Bulchiinsa Dire Dawaa keessatti hojiin daldalaa, industirii, invastimantii fi turizimii gaggeeffamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *