Waxabajjii 25 Dirree Dhawaa Giddugala gabaa Ashawaatti Balaa Ibiddaa tasa qabateen qabeenyi Birr.Bill. 1.7 olitti tilmaammamu barbadaa’uu Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaafi Komishinaa Sodaafi Ittisa Balaa Bulchinsaa waliin ta’uun ibsa Gaazeexessummaa kennaniin Beeksisaniiti jiran.
Hogganaa Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Buruk Fallaqaa ganama har’aa ibsa gaazeexeessummaa yeroo kennanitti Balaa waxabajjii 25 ganamarraa naannawa sa’aa 1 naannichatti mudate ka’umsisaa qo’atamaa jiraachuu eeranii qabeenyi birr. Bil. 1.7 barbadaa’uufi midhaan lubbuu namaarra dhaqqabe akka hinjirre dubbata.
Obbo Bury itti aansuudhaanis Balaan Ibiddaa kuni akka hinbabal’anneefi miidhaa lubbuu namarra akka hingeessisneefi tumsiifi dirmannaan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa dabalatee hoggantoonni olaanoon bulchinsaa, qaamotiin nageenyaa, Mootummaa Naannoo Harariifi jiraattonni bulchinsaa taasisan dinqisiifatanii erga Balaan kuni mudate jalqabees lammiileen biyyattii, Mootummaa federaalaa nannooleen biyyattii, biyyoonni ollaa,
abbootiin amantaa, diyaasporaawwan dhaabbileefi jaarmayaalee hawaasaa, dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa hundumtuu tattaaffii bulchinsi namoota qabeenyisaanii balaa Ibiddaa kanaan jalaa barbadaa’e dandamachiisuufi deebisanii ijaaruuf gochaa jiru qabeenyaan,humnaanfi waan qabaniin tumsaa jiran maqaa waajjirichaatiin galateeffataniiti jiran.
Dabalataanis Obbo Buruk ibsa kennan keessatti namoota qabeenyisaanii balaa kana kanaan jalaa qubate deebisanii ijaaruu keessatti koreewwan adda addaa qaamota garaagaraarraa walitti inaaramuun hojjiileen hedduun hojjetamaa jiraaachuu eeranii kanaafimmoo Waamisha dirmannaa Kantibaa dhagahanii namoonni dhaabbileenfi abbootiin qabeenyaan biyya kaassaafi alarraa deeggarsa maallaqaa gochaan jiran daran akka cimsanii itti fufanis dhaamaniiti jiran.
Komishinarri Komishinii Sodaafi Ittisa Balaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Xaahir Rooblee gamasaaaniitiin lammiilee qabeenyisaanii balaa Ibiddaa tasa guyyaa kana naannichatti dhaqqabeen jalaa barbadaa’e kuma 1 fi 300 ol deebisanii ijaaruuf bulchinsi xiyyeeffannoo guddaan tarkaanfii furmaataa kan yeroofi furmaata waaraa karoorsuudhaan hojjetaa jiraachuufi yeroodhaafimmoo iddoo daldalaa yeroof oolu ijaaruudhaan xumuree torbee itti aanu keessatti carraa baasee kan kennuuf qophiirra jiraachuu akkasumaas kanneen bu’uraalee jireenyaa hinqabneefis meeshaalee soorataaf oolan dhaabbata hundee Diimaa waliin ta’uun gumaachaafii jiraachuu ibsa waloo gaazexessummaa har’a Kennaniin ibsaniiti jiran.
Obbo Xaahir Roblee itti dabaluudhaanis lammiilee qabeenyisaanii jalaa barbadaa’e kana deebisanii ijaaruuf abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantaa, naannooleen biyyattii, nammoonni dhuunfaa diyaasporaan, qaamaan argamanii daawwachuun deeggarsa maallaqaa taasisuun aantummaa agarsisaniif galateeffatanii hangs namoota kana deebisanii ijaaranittis deeggarsa taasisuudhaan Bulchinsaa cinaa akka dhaabbatan waamicha dabarsan.


