Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Marsaa 7ffaaf baranaa gaggeeffamaa jiruun walqabatee Ganama har’aa Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Komishinar Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun Mooraa Yunivarsitii Dirree Dhawaatti duula biqqiltuu dhaabuu gaggeesse.
Gorsaa Addaa Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsaa Dirree Dhawaafi Miseensa Koree Qindeessituu Kan ta’an Obbo Yoonaas Xiggineeh saganticharratti argamuun haastaa taasisaniin bara kana Barii tokkotti Biqiltuu mil. 700 akka biyyaatti akkasumas Biqiltuu mil. 1.5 akka bulchinsaatti dhaabuuf karoora qabame sababeeffachuun waajjirri Paartii Badhaadhinaa Aanaa 02 fi Komishinii Dargaggoofi Ispoortii waliin ta’uun duula sagantaa Ashaaraa Magariisaa kana gaggeessaa jiraachuu ibsan.
Bara kana Biqiltuu dhaabuu qofa otuu hintaane, kunuunsuudhaan guddisuurrattis xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu eeranii kana milkeessuufimmoo hundumtuu biqiltuuwwan dhaabamaniif kunuunsaafi eegumsa barbaachisu gochuu akka qabanis Obbo Yoonaas dhaamaniiti jiran.
Pirezidaantii Yunivarsitii Dirree Dhawaa Dr. Ubaah Aadam gamasaaniitiin biyyattiin dinagdee faalamaafi jijjiirama qilleensaatiif hinjilbeeffanne ijaaruudhaaf duula Ashaaraa Magariisaa kana milkeessuuf tarkaanfiifi tattaaffii gochaa jirtuun milkaa’inoonni qabatamaan mul’achaa jiraachuus ibsaniiti jiran.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu Yunivarsichatti taasifaman kanaanis biqiltuuwwan nyaataafi gaaddisaaf oolan hedduun ijaaramaniiti jiran.


