Itoophiyaatti Ambasadara Pakistaan kan ta’an Ambasadar Atiif Shariifiin Jiilli duurfamu Carraawwan Invastimantii Dirree Dhawaa qabdu damee Invastimantii gara garaa ji irra naannawuun daawate.
Jiilli kun daawannaan dura Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuhii waliin marii kan taasisan Yoo ta’u Obbo Harbiin marii kana irratti Carraa Invastimantii Dirree Dhawaa qabduu fi haala mijaawaa addatti Dirree Dhawaa qabdu irratti jiila kanaaf kan laatan Yoo Barreefamni qorannoo kan Carraawwan Invastimantii Dirree Dhawaa qabdu damee dameen mul’isu dhiyaateefiiti jira.
Ambaasadar Atiif Shariif daawannaan booda Akka jedhanitti ji’a dhufu keessa Biyyi Pakistaan Magaalaa Finfinnee keessatti Koonfiransii Biiznasii kan
Abbootiin Qabeenyaa biyya irratti hirmaatan waan qopheessaa jirtuuf Abbootiin Qabeenyaa kun yeroo gara Biyya Itoophiyaa dhufan Magaalota toophiyaa kan Carraawwan Invastimantii qaban foo’uun Akka Invastii godhan taasisuuf daawannaa kana taasisaa jiraachuu eeranii kanaaniis Dirree Dhawaa Carraawwan Invastimantii qabaachuun cinatti dhiheenya Buufata Galaanaa Jabuutii fi Barbaraaf qabdu daran filatamtuu Akka taaisee arganiis himanii Dhaabilee Dirree Dhawaatti Invasti godhanii hojjachaa jiraniis kan mama dinqisiisanii jedhan.
Jiilli kun Naannawa Daldala Walabaa Dirree Dhawaa Dhaabilee Oomisha gara garaa Oomishaa jran, Buufata Gogaa Dirree Dhawaa fi Sheedita Oomisha gara garaa Oomishaa jran daawataniiru.
Abdii Adamiin
Suuraan Teedroos Lu’uulsaggad


