Koolleejjiin Olbiraayit Intarnaashinaal Kaampaasii Dirree Dhawaa Barattoota barnoota leenjii Teeknikaa fi Ogummaa garagaraan Barsiisaa ture Eebbisiise

Koolleejjichi Barattoota Muummeewwan Barnootaa sagantaa Idilee fi galgalaatiin Barsiisaa Ture 120 gulantaa Dippiloomaatin yeroo Jalqabaatiif Eebbisiisee jira.

Sagantaa Eebbaa kanarratti argamuun Haasawa kan taasisan itti gaafatamaan Waajjira Kantibaa fi dhimmoota kaabinee obbo Gabayyoo Xilaahun kolleejjileen haala baruu fi Barsiisuutiin gamatti qo’annoo qorannoo Gochuun rakkoolee Hawaasaa fi biyyaa furuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeranii kolleejjiin Olbiraayit Intarnaashinaalii yeroo gabaabaa hundaahus haala baruu fi barsiisuutiin Barattoota abdii Hegeree biyyaa tahan oomishaa jiraachuu himan.

Obbo Gabayyoon itti dabaluun barattoonni ogummaa barataniin Hawaasaa fi biyya isaanii tajaajiluu akka qabanis dubbatan

Diinii Koolleejjii Olbiraayit Intarnaashinaal Kaampaasii Dirree Dhawaa Obbo Mikiyaas Biraanuu kolleejjiin isaanii Hundeeffama isaa bara 2015 irraa eegaaluun haala baruu fi barsiisuutiin cinaatti hojiilee itti gaafatama Hawaasaa bulchiinsi hojjetu cinaa dhaabbachuun gahee isaa bahachaa turuu yaadachiisanii akka fakkeenyaatti kan eeran Barattoota bulchiinsatti argaman biiroo barnootaa waliin qindaahuun barnoota bilisaa leenjii xin-sammuurratti xiyyeeffate laachaa turuu himan

Obbo Mikiyaas itti dabaluun guyyaa kanatti kolleejjiin isaanii Barattoota barnoota leenjii Teeknikaa fi Ogummaatin barsiisaa ture Barattoota 120 tahan kan Muummee gosa barnootaa garagaraa of keessatti hammateen Eebbisiisuu isaanii ibsan

Barattoonni eebba isaaniirratti dubbisne gama isaaniitiin bu’aa bahii heddu keessa dabranii firii ifaajjii isaanii arguuf kan isaan gammachiisee fi fuladurattis barnootasaanii gulantaa itti aanuu cimanii barachuuf kutannoo qaban ibsan.

Sagantaa Eebbaa kanarratti Kolleejjichi

Barattoota barnoota isaaniitiin qabxii olaanaa galmeessisaniif Caarraa barnoota bilisaa Skoolaarshiippii kolleejjichatti akka baratan kan laateef yoo tahu kana malees Dhaabbilee mootummaa fi Dhuunfaa Bulchiinsatti argaman kan Hojiilee Baruu fi Barsiisuurratti waliin Hojjechaa turaniif beekkamtii fi waraqaa Ragaa laateefii jira.

Sagantaa Eebba Barattootaa kanarratti itti gaafatamaa Waajjira Kantibaa fi dhimmoota kaabinee obbo Gabayyoo Xilaahun, Hogganaan Biiroo Ogummaa fi Dandeettii bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Roobel Getaachoo ,itti Aantuu Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Faxxum Mustafaa Diinii Kolleejjii Olbiraayit Intarnaashinaal Obbo Mikiyaas Biraanuu Dabalatee Hoggansi Bulchiinsaa sadarkaan jiranii fi Barsiisonni Kollejjichaa argamaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *