Itoophiyatti Imbaasiin Ingiliz Bulchinsa Dirree Dhawaa Waliin Hojjechuuf Fedhii Qabaacuun Ibsame.

Itoophiyatti Ambaasaaddarri Biritish Daaren Weelch Miseensota Kaabinee Bulchinsa Dirree Dhawaa Waliin Marii akkaataa qindoominaan waliin hojjechuun danda’amurrtti Marii gaggeessan.

Ambaasaddari Daren Weelch Biyyi Ingiliz hariiroo michoomaa Itoophiyaa waliin qabdu daran akka cimu fedhii qabaachuu himanii hojiilee misoomaa bulchinsatti eegalamerratti bulchinsa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuus dubbatan.

Hoggantuu Biiroo Misooma Maallaqaafi Diinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mohammed waltajjii marii kana yommuu gaggeessanitti , biyyi Biritish hojiilee dhiheessa bishaan dhugaatii, leenjiif barnootaa, fayyaafi invastimantiirratti bulchinsa waliin hojjechaa jiraachuu eeranii fuulduraafis deeggarsi kuni cimee akka itti fufuufi damee turiziitiinis godaambaawwan bulchinsatti argaman akka iddoo hawwata turizimii idil-addunyaa ta’uu danda’an gochuuf qorannoofi qo’annoo gaggeessuudhaan kunuunsa ambaalee seenaa kanneeniirrattis hojiin qindoominaan hojjetamaa jiru cimee akka itti fufu ibsaniiti jiran.

Gama biraatiinis Ambaasaadar Daren Weelch Piroojektoota misoomaa bulchinsatti hojjetamaa jiran keessaa kanneen mootummaa Ingiliziin deeggaramaa jiraniifi godaambaawwan bulchinsatti argaman kanneen holqa Laga Odaa kan daawwatan yommuu ta’u, hojiilee dawwatanitti gammachuu qaban ibsanii fuulduraafimmoo Biritish deeggarsa gochaa jirtu daran cimsuun kan itti fuftu ta’uu dubbatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *