Paartiin Badhaadhinaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Mataduree “Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti” Jedhuun Waltajjii Manifeestoofi Mallattoo Filannoo Waliigala 7ffaa Miseensotasaaf Ifoomsuu gageesse.
Miseensonnifi Gaggeessitoonni paartichaa waltajjii Kanarra hirmaatan kanneen dubbisne yaada kennaniin Paartii Badhaadhinaa yaaddama ida’amuutiin hogganamuudhaan akkaataa waadaa seeneen injifannoowwan hedduu galmeessuu jiraachuu ibsaniiti jiran.
Mallattoo dorgommii filannoo Paartii Keenyaati kan ta’e nadoon Qamadii Calaqqee Ida’amuu, Tokkummaa, Gamtaan Hojjechuu, Oomishtummaa, Fakkeenyummaa, Olka’insaafi Birmadummaa Keenyaa agarsiisa jechuunis dubbatan
Paartichi Itoophiyaa Fakkeenya Badhaadhinaa Afrikaans akka taatu kan hojjechaa jiru ta’uu kan eeranii miseensonni paartichaa kanneen akka biyyaattis ta’ee akka bulchinsaatti pirojektoota namooma xiyyeeffatan gurguddaa bu’ureessuufi jalqabsiisuu qofa otuu hintaane qulqullinaafi saffisaan xumuruun tajaajilaaf gahuu ibsan.
Waltajjiin Kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabaj. Obbo Abdii MUKTAAR Afayaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa, Kabj. Aadde Kariimaa Alii, , Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Obbo Harbii Buuh, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf, Miseensota Kaabinee Bulchinsaa ,Hoggantoonni Olaanoon Bulchinsaa, Aanga’oonni paartichaa, Abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, jaarsotiin Biyyaa, miseensonni paartichaa hedduun argamaniiti jiru.


