Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Hojiileen Misooma Kooriidaraa Bulchiinsatti hojjatamaa jiran yeroo gabaabaa keeysatti xumuramuu akka qaban kallattii kaayan.

Jilli Hoggantoota olaanoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar duurfamu Hojiilee Misooma Kooriidaraa Bulchiinsatti hojjatamaa jiru sadarkaa irratti argamu Irra naannawuudhaan daawwatee jira.

Hojiin misooma koriidaraa akka biyyaatti adeemsifamaa jiru Bulchiinsa Dirree Dhawaattiis hojjatamaati jira.

Bulchiinsatti hojiin marsa marsaan hojjachuuf kan karoorfame yeroo tahu, marsaan jalqabaa ammoo baasii qarshii Biiliyoona 3’n lafa kiiloo meetira 5.04 irratti hojjatamaati jira.

Jilli Hoggantoota olaanoo bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo kantiibaa Kadiir Juhaariin duurfamu Hojiileen Misooma Kooriidaraa akka Bulchiinsaatti hojjatamaa jiran sadarkaa irratti argaman irra naannawuun daawwatee jira.

Daawwaanna kanarratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar hasawa tasisanii Fayyada qabeeysummaan Misooma kooridaraa guddina Magaalaa Dirree Dhawaatiif murteeysaa tahuufi magalaa sadarkaa isii eeggatte uumuudha ja’an.

Kantiibaa Kadiir Juhaar itti dabaluudhaan

Misoomni Koriidaraa kun carraalee hojii namootaaf uumuurrattiis gahee olaanaa kan qabu tahuus ibsanii, hojiileen kunneen yeroo gabaabaa keeysatti xumuruuf halkanii guyyaa hojjatamaa jiraachuu ifoomsan.

Dire tv

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *