Jiraattonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa tokko tokko Itiyoophiyaa keessatti mootummaan ijaaramuun karaa filannoo qofaan ta’uu qaba. Oduu sobaa kannee bahaar gamaa irraa faca’aa jirtuus akka hin fudhanne dhamanii jiran.

Jiraattooni Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa dubbisan keessaa konkolaachiftooni gara Dirree Dhawa konkolaalaachisan akka ibsanitti Halkan sa’aatii saddeet booda gara Dirree Dhawa yoommuu dhufnule nagahan socho’uu akka danda’an dubbataniiru.

Nageenyi jireenya ofii keessatti argame biyya alaa irraa akka jeeqamu hin hayyamnu jechuudhaan dhimma warri biyyaa alaa ofaa jiran akka balaaleeyfatan ibsanii jiran.

Jiraataan Dirree Dhawaa kan biraan gama isaatiin, biyya alaa irraa bakka keenya bu’anii dubbachuu hin danda’an; gara biyyaatti dhufanii nuuf dubbatanii yaada isaanii karaa nagaa dhiyeessuu qabu, akkasumas hawaasni miidiyaa dhaggeeffatu filachuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Jiraattonni Dirree Dhawaa isaan dhagahee hookkaraatti gargaaraman qaana’uu qabu jedhan. Nagaa keenya eeggachaa filannoo karaa nagaa ni gaggeessina jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *