Duudhaalee hawaasaa fayyadamuun malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuun ga’ee hawaasa hundaati jedhame

Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa mata duree “Gahee Dhaabbanni Malaammaltummaa fi Hojii Badaa Ittisuu fi Naamusa Hawaasaa Ijaaruu” jedhuun dubartootaa fi jaarmiyaalee dargaggootaa bulchiinsa kana keessa jiraniif leenjii kenneera.

Leenjii kanarratti haasaawa baniinsaa kan taasisaniin Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Feenus Abduljebar akka jedhanitti, dargaggootaafi dubartoonni guddinaa fi badhaadhina biyyattii keessatti gahee olaanaa qabu akka qabu ibsuun malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuu keessatti naamusni murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjiin leenjii kun waltajjii muuxannoo waliin waljijjiiran ta’uu kan ibsan Komishinar Feenus, malaammaltummaa fi gocha badaa gatii hawaasaa fayyadamuun ittisuun itti gaafatamummaa hawaasa guutuu ta’uu agarsiisaniiru.

Komishinichi akka jedhetti, dubartoonniifi dhaabbileen dargaggootaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuuf akkasumas hawaasa keessatti hubannoo bal’aa uumuuf itti gaafatamummaa akka qaban; Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa jaarmayoota dargaggootaa fi dubartootaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka itti fufu agarsiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *