Bulchinsa Dirree Dhawaatti Miseemsonni Gamtaa Paartii Badhaadhinaa kan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Itoophiyaan gara Biyya Fakeemyaatti, Dirreen Dhawaa gara fakkii Badhaadhinatti Mata-duree jedhuun Mariin gaggeessan.
Waltajjii kana irratti Hooganaan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqaa akka jedhanitti Biyya yeenya Itoophiyaa Hiyyummaa keessaa baasuun Seenaa waggoota dheeraaf ture jijjiiruuf Paartii Badhaadhinaa Karooraa fi Tarsiimoo barbaachisaa baafatee waggoota Mootummaa jijjiiramaa darban hojii hojjatameen Bu’aawan baay’een galmaawaa dhufuu fi Amma boqonnaa murteessaan irra ga’uus addeessan.
Miseemsonni Gamtaa Paartii Badhaadhinaa Kan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa mariin gaggeessan kanaan Imala Mootummaan jijjiiramaa waggoota darbanii fi kallattii fuulduraaf Kan Paartii Badhaadhinaa irratti hubannoo ga’aa horachuun imala Badhaadhina Biyyi teenya jalqabde milkeessuuf Dirqama Lammummaa fi Ogummaa bahachuuf Waltajjiin kun Kan nu kakaasee jedhan.


