Bulchinsa Dirree Dhawaatti Warkishooppiin Jalqabsiisa Piroojektii Foyya’insa Jireenya Hawaasa Gammoojjii Gulantaa 2ffaa (LLRP II) Gaggeeffame.
Waltajjicharratti argamuun Haasaa Baniinsaa kan taasisan Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh pirojektiin haala qilleensaa gammoojjummaan walqabatee rakkoolee hanqina rooba gahaa dhabuutiin qonnaan bultoota hoongeen miidhamaa jiran haala Jireenya isaanii fooyyeessuuf Madda galii uumuufiifi oomishaafi oomishtummaa isaanii akka dabalu gochuurratti piroojektichi gumaacha guddaa kan qabu ta’uu eeranii piroojektii kanaanis hojiileen rakkoolee misoomaa jiraattota aanaalee baadiyyaa 4n furmaata waaraa kan argatan ta’uu ibsan.
Hogganaa Biiroo Daldalaa Bishaan Albudaafi Inarjii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuraddiin Abdela gamasaaniitiin rakkoo hiyyummaa sababaa jijjiirama qilleensaatiin mudate bu’urarraa furuuf qabeenya uumamaa jiru sirnaan itti fayyadamuun Jireenya qoteefi horsiisee bulaa naannawa gammoojjii fooyyessuuf piroojektichi baay’ee murteessaa ta’uu eeranii milkaa’ina isaafimmoo hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiti jiran.
Bakka Bu’aan Baankii Addanyaa Obbo Isaayyaas Nigaatuu Piroojektichi deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaatiin hojjetamuufi Bulchinsa Dirree Dhawaa Dabalatee naannoolee biyyattii 8 keessatti waggoottan 5 iif kan guru ta’uu eeranii Baankichi hojii Jireenya qonnaan bultootaafi Horsiisee bultoota bulchinsaa foyyeessuuf hojjetaman hundumaa kan tumsu ta’uufi Piroojektichis saffisaan akka jalqabamu kan dhaamaniiti jiran.
Waltajjii kanarrattis aangawaanni Bulchinsa, naannoolee ollaafi federaalaa akkasumas abbootiin amantaa, abbootiin Gadaaf, Ugaazonniifi ogeeyyiin, gaggeessitoonnifi qoodafudhattoonni aanaalee baadiyyaa afranii argamaniiti jiran.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Aganyehu Shawaaraggaa


