Jiilli Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Kadiir Juhaariin Duurfamu Hojii Misooma Sululaa Ji’oota Bonaa Aanaa Assalissoo Araddaa Ganda Rigeetti jalqabsiisan.

Aanaalee baadiyaa Bulchiinsa afranitti kan argaman Araddoota baadiyaa 38 ho

Hojii Misooma Sululaa Qindaawaan Ji’oota Bona bara 2018 “Misoomni Sululaa Qindaawaa Ji’oottan Bonaa Ce’umsa Milkaa’ina Qonnaaf” mataduree Jedhuun jalqabeeti jira.

Sirna jalqabsiisa Hojii Misooma Sululaa kan Aanaa Assalissoo Araddaa Ganda Rigeetti argamuun kan jalqabsiisan Kantiibaan Bulchiinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Hojii misooma sululaa Lafa Gammoojjii akka Bulchiinsa keenyaaf akkaan barbaachisaa waan ta’eef marsaa jalqabaa irraa hanga ammaatti ittifufiinsaan hojjachaa dhufuu keenyaan bu’aawan qabatamaa argachaa jiru daran gonfachuuf baranaas daran cimnee hojjachuu qabnaa jedhan.

Hogganaan Biiroo Qonnaa, Bishaan Albudaafi Inarjii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuraddiin Abdallaa gama isaaniin

Bulchinsatti Misoomni Sululaa Qindaawaa baranaatiin hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan Lafa Hektaara Kum 5fi 500 irratti akka gaggeeffamuufi namoonni Kuma 37 ol ta’an hirmaachisuun daarama Lafaa Daarama Lafa Dhibbeentaa 3.7 irrisuuf no hojjatamaa jedhan.

Waltajjii kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar, IItti-Aantuun Afa-yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Kariimaa Alii dabalatee miseensinni Kaabinee fi gaggeessonni sadarkaa gara garaa hirmaataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *