Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa “Bara jiddugaleessa” Sanada haala Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa, akkasumas haala waqtaawaa biyyaalessaa fi idil addunyaa irratti xiyyeeffate kennamuu jalqabeera.
Waltajjii kana irratti haasaa Kan taasisan Hooganaan Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqqaa Akka jedhanitti kaayyoon leenjii kanaa Ogeeyyii Komunikeeshinii haala qabatamaa Biyya Itiyoophiyaa hubatee milkaa’ina ima Badhaadhinaa ga’ee Ol’aanaa irraa eegamu Akka bahatuuf Yaadamee Kan qophaawee jedhan.
Waltajjii kana irratti Sooftiweeriin Ammayyaawaan Hojii Komunikeeshinii Saffisiisuu Si’oomsuuf gargaaru akkasumaas Raawwii Adeemsa Hojii fi Hojjatootaa Hordofuu fi Gamaagamuuf oolu Haaraa Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa hojiirra oolchuuf jedhu dhiyaate Mariin Kan irratti gaggeefame Yoo ta’u dhuma irrattiis Yaadaa fi gaaffiiwan Hojjatootaa ka’aniif Hooganaan Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqqaa Deebii laachuun keenjiichi xumurameera.
Abdii Adamiin
Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa


