Konfaransiin Baankota Dhiigaafi Tishuu Waggaa Marsaa 13ffaa “Dijitaalaayzeeshininiifi Kalaqni Tajaajila Baankii Dhiigaafi Tishuutiif” mataduree jedhuun Bulchinsa Dirree Dhawaatti Gaggeeffamaa Jira.
Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Waltajjicha haasaan yommuu bananitti sagantaan dhiiga arjoomuu lubbuu lammiilee baraafuu keessatti gaacha guddaa kan qabu ta’uu eeranii ministeerri fayyaa Itoophiyaa tajaajila fayyaa saffisaafi si’ataa lammii biraan gahuurratti hojiilee ciccimaa keessattuu Biiroo Bulchinsaa waliin ta’uun hojjechaa jiru galateeffatan.
Tajaajila fayyaa qulqullina qabufi teeknolojiin deeggarame kennuudhaaf tarsimoofi imaammata fayyaa biyyatii hojiirra oolchuurratti hojiiwwan roga fayyaatiin hojjetamaa jiru bulchinsi xiyyyeeffannoo olaanaa kennuun kan tumsu ta’uus Kabajoo Kantibaa Kadiir Juhaar Dubbataniiti jiran.
Deetaan Ministeera Fayyaa Dr.Sarillaa Abdullaahi gamasaaniitiin arjoomini Dhiigaafi Tishuuwwanii hojii lammiin lammiif dirmachuu ta’uufi baankiiwwan dhiigaafi tishuu naannoolee biyyattiitti bu’ureeffamuun rakkoolee hanqina dhiigaafi tishuu dhaabbilee fayyaa ture furuurratti fooyya’insi guddaan jiraachuu eeranii kana caalaa hojjechuudhaafimmoo hundumtuu qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaaman.
Dirreen Dhawaa giddugala wal’aansa dhukkubsattoota Balaa tiraafikaa naannoolee Baha Itoophiyaa ta’uu bira dabree magaalaa Jabuutiifillee dhiiga kennuun tajaajiloonni lubbuu lammiilee baraaruu Hospitaala Riferaalaatiin kennamaa jiraachuu kan eeran Hoggantuun Biiroo fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Tsiggeeradaa Kiflee murtee mootummaan Baankii dhiigaafi tishuu Ministeera Fayyaa jalatti akka hogganamu dabarseen milkaa’inoonni gurguddaan argamuu ibsaniiti jiran.
Konfaransichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yommuu ta’u, deetaawwan ministira fayyaa, aanga’oonnifi ogeeyyiin biiroowwan fayyaafi baankiiwwan naannoleefi federaalaa argamaniiti jiran.


