Waltajjiin Goolabbii Koonfireensii Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Kan Walakkeessa Waggaa Mataduree “Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti!’ je’uun qophaawe gaggeeyfamuu jalqabeeti jira.
Waltajjii Koonfireensii Kanatti Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir juhaar, Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Ibraahim Yuusuuf, Afa-yaa’iin Mana marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obboo Abdii Muktaar, Itti’aantuun Afa-yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aaddee Kariimaa Ali, Hongantoonni ol’anoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Abbootiin Amantaafi Mangoddoonni Biyyaa, Akkasumaas Dhaabbilee Seektarootaa fi Aanaalee irraa Miseensootaa fi gaggeeysitoonni Partii Badhaadhinaa kan walitti babahan hirmaachaati jiran.
Biiroon Dhimmoota Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Odeefannoolee waligaala kan haala Koonfareensichaa ilaalchisu bal’inaan hordoofnee kan isin biraan gahu taha.


