Dargaggoonni Abdii biyyaafi Humna Jijjiiramaa Ta’uusaanii Mirkaneeffachuuf Har’a Ciminaan Hojjechuu Akka Qaban Ibsame.

Bulchinsa Aanaa Asallisoo Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa waliin ta’uun dargaggoota aanichaa 500 ta’aniif leenjii dadammaqinaafi muuxannoo jireenyaa kenne.

Aanaa Asallisootti carraaleen hedduun dargaggoota naannichaa fayyadamoo taasisan hedduun uumamee jiraachuu kan eeran Bulchaan Aanaa Hasalisoo Obbo Abdii Abdallaa kaayyoo leenjichaa yommuu himanitti leenjichi dargaggoonni haalotaafi gochaalee isaan duubatti harkisan injifatanii haalaa jijjiiramaa yeroo waliin akka of madhaqsan, teeknooloojii fayyadamuufi aadaafi nageenya nannichaa tiiksuu keessatti akkasumas waan haaraa uumuudhaan rakkoolee isaan mudatan ofiin akka irra aanan hubannoo iisaanii cimsuuf akka ta’e ibsan.

Yaadaafi gorsa adda addaa miidiyaalee hawaasaatiin ummataaf gumaachuun kan beekkamu Dr Ibsaa Damiinaa leenjicharratti yommuu kennanitti dargaggoonni haala yeroo addunyaaleeysaa,biyyooleessaa keessatti haala ofii keessa jiran sirritti hubachuudhaan of jijjiiruudhaaf carraaquu akka qaban gorsaniiti jiran.

Dirree Dhawaan magaalaa namni hunduu hojjetee ittiin jijjiiramuufi badhaadhuu danda’u ta’uu hubatanii beekumsaa,ogummaa, yeroofi hunna qaban sirnaan itti fayyadamuu akka qaban Dr. Ibsaan ibsaniiti jiran.

Dargaggoonni furtuu jireenyaa kan ta’e Beekumsaafi ogummaa barnootarraa argataniin of ga’uumsuu akka qaban kan gorsan Dr. Ibsaan leenjiiwwan akkasii kunneen ittiin jijjiiramuuf meeshaa amma harkaa qabnuudha waan ta’aniif itti fufinsaan kennamuu akka qabaniis libsaniiti jiran.

Dargaggoonni leenjicharratti hirmaatan tokko tokko yaada kennaniin leenjicharraa beekumsa duraan hinqabne kanneen jireenya isaaniif hedduu barbaachisoo ta’an argachuu eeranii hubannoo leenjicharraa argatan kana hiriyoota isaaniif qooduuf qophii ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *