Hojiilee Tola-ooltummaa Hojiilee Idilee Waliin Walqabsiisuun Raawwachuun Kan Barbaachisu Ta’uun Ibsame.

Biiroon Misoomma Maallaqaafi Abbaan Taaytaa Galiiwwan Bulchinsa Dirree Dhawaa waliin Ta’uun Paarkii Dr Kaajaa Art. Alii Birraatti Hojii tolaooltummaa gannaa gaggeessan.

Saganticharrattis hojiilee kanneen akka biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuufi kanneen biroos kan gaggeeffame yommuu ta’u Hoggantuu Biiroo Misooma Maallaqaafi Dinagdee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mohammed saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin hojiin tola ooltummaa kan yeroo tokko qofa gaggeeffamu otuu hintaane, Hojiilee idilee keenyaan walsimsiisuun raawwachuun kan barbaachisuufi yeroo Hundumaa fayyadamummaa Ummataa mirkaneessuun akka danda’amutti hojjetamuu akka qabu dhaaman.

Biiroowwan lameenuu Hojiilee tola ooltummaa kanneeniin biqiltuu dhaabuufi Dhiiga arjoomuu dabalatee Hojiilee akka manguddoota gargaaruu manneen harka-qalleeyyii suphuufi ijaaruu, fi barattoota harka-qalleeyyiif meeshaalee barnootaa gumaachuu kan taasisu ta’uu dubbatan.

Hoji-gaggeessaa olaanaa Abbas Raayyaa Galiiwwan Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Abdusalaam Mohammed gamasaaniitiin Hojiileen tola-ooltummaa gannaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabuufi hariiroo Ummataa daran kan cimsu ta’uu eeranii, guddina dinagdee biyyaafis faaydaa adda qabaachuusaatiin cimee Itti fufuu akka qabu dhaaman.

Dhaabbileen lameen waliin ta’uun jiraattota 500 walk-in maaddii qooddachuu, barattoota 300f meeshaalee barnootaa gumaachuufi dhiiga cc 50 walitti qabuuf karoora waloo qabaachuun beekameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *