Dirree Dhawaatti Tajaajilli Diyaasporaa Itoophiyaa waltajjii Raawwii hojii Walakkaa Waggaa Kan Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa gaggeessuu jalqabe irratti haasaa baniinsaa Kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa 9bbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti Diyaaspooraan misooma guddina dinagdee biyyattii Keessatti Shoora Olaanaa kan qaban ta’uu himanii bifuma kanaanis hirmaannaa Invastimantii keessatti qaban birattis mootummaan hirmaannaa diyaaspooraa roga hundaa cimsuuf poolisiifi tarsimoowwan Diyaasporaa fayyadamoo taasisan baasuudhaan akka bulchinsaattis danbiiwwaniifi qajeelfamoota dhimma tajaajila Diyaasporaaf Mootummaan Xiyyeefannoo Ol’aanaa laatee hojjachaa jiraa jedhan.
Daayreektara Daayreektoreetii Qindeessa Diyaaspooraa Kan ta’an Obbo Biniyaam Girmaa gamasaaniitiin diyaaspooraan Damee Invastimantii keessatti hirmaachuu keessatti gahee Guddaa qabaachuu eeranii hoj-maata diyaaspooraa biyyoota garaa garaa biyya isaaniitti Abbaa mana jireenyaa isaan
Waltajjii Marii kana irratti Gaggeessonni Waajiroota Diyaasporaa Kan Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Raawwii Karoora hojii damee Diyaasporaa dhiheessaati jiru.
Waltajjii guyyoota lamaaf turu Kanaan Muuxannoowan waljijjiiruu dabalatee kallattiin Hojiiwan fuulduraas ni kaa’ama jedhameeti eegama.
Abdii Adamiin
Suuraan


