Miseensonni mana marii bakka bu’oota ummataafii mana marii bulchiinsa Dirree Dhawaa kilaastara Qala’aaditti waltajjii marii bakka bu’ummaa hawaasaa Adeemsisan.

Waltajjii marii hawaasaa waliin taasifame kanarratti kan argaman Miseensi Mana Marii bakka bu’oota ummataafi bakka buutuun bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Biiftuu Mahammad haasawa taasisaaniin, Manni Marii waggaatti yeroo Lama hawaasa isa filaatee waliin marii kan taasisu tahuu himanii, marii hawaasa kilaastarichaa wajjiin tasiisaniin gaafiilee fi yaadoota bu’uuraalee misoomaa wajjiin walqabatanii ummata biraa ka’an qindeessuun, sadarka sadarkaan qooduun kan sadarkaa kilaastaraafi bulchiinsaatti deebisaa argachuu dandayan akka argatan taasisuufi

Kan sadarkaa federaalaatti deebisaa barbaadanirratti qamoolee dhimmi ilaallatuu wajjiin tahuun deebisaa akka argataniif kan hojjatan tahuu dubbatan.

Bakka bu’aan hawaasaa fi miseensi mana marii bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Hogganaan Biiroo Qonna Bishaan Albuudaa fi Annisaa bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Nuraddiin Abdallaa, haasawa taasisaniin, hawaasni gaafiilee misoomaa hedduu qabaatuus bulchiinsi Dirree Dhawaa hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneeysuu dandayan milkeeysuuf tattaaffii tasiisaa jirachuu ibsaniiti jiran.

Hawaasni waltajjii marii bakka bu’ummaa ummataarratti hirmaataan, gaafiileen bu’uuraalee misoomaa wajjiin walqabatan yeroo dheeraaf gaafachaa turan deebisaa argachaa jiraattuus, dhiheessii humna ibsaa, neetwarkii, dandiifi bishaan dhugaatii qulqulluu argachuurratti hanqinoonni jiraachuu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *