”Ijoollee Koo alaa walitti akkaan qabadhee Bara Haaraa gammachuu addaan akkaan jalqabu nataasiftaniiru.”

‎Biiroo dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Hojii Tola-Ooltummaa ji’oota Gannaan Mana Adde Hamdiyaa Mahammad ijaarsisan yeroo laataniif Adde Hamdiyaan gammachuu addaan guutamanii akka jechuun ibsan Ijoollee Koo alaa walitti akkaan qabadhee Bara Haaraa gammachuu addaan akkaan jalqabu nataasiftan jechuun ibsan.

‎Sagantaa kana irratti Hooganaan Biiroo dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Fallaqaa akka jedhanitti Gammachuun Aadde Hamdiyaa gammaduu ibsanii irra deebi’uun Bara Haaraaf Ergaa baga geessanii fi hawwii gaarii dabarsan.

‎Adde Hamdiyaa Mahammad ijoollee ofii Da’an sadihii waliin Daa’imman biroo lama walumaagalatti Ijoollee shan kan guddinaa jiran yoo ta’u Biirichi hojii Tola ooltummaan ji’oota Gannaa Mana Maatii Harka Qalleeyyii ijaarsisuuf karoorfatanii turan guyyaa har’aa xumuruuf Qulfii laataniiru.

‎Adde Hamdiyaa Mahammad rakkoo sababa manaan ijoollee isaanii Ollaa bira kaa’uu gara hojii deemaa turuu himanii amma rakkoo fi yaaddooo keessa turan keessaa bahuun gammachuu addaa fi guddaan akka itti dhaga’amees addeessan.

‎Sagantaa kana irratti Hoji-raawachiisaan Aanaa 03 Obbo Mitikuu Hunanyaa fi Hoji-raawwachiisaan Aanaa 05 Obbo Abraham Yimar argamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *