Dhiheenyatti UNESCOtti Kan Galmaa’e Heerri Mootummaa Somaalee Iissaa Kan “Heerissee” Jedhamu Akka Ambaa Seenaatti Beeksifamuufi Kunuunfamuu Akka Qabu Ibsame.

Simannaa Jila “Heeriissee” Akka Hambaa Seenaatti UNESCOtti Galmeessisee Gara Dirree Dhawaatti

Dhufuuf Guyyaa Boruu Taasifamurratti Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Biiroo Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dirree Dhawaa, Koree Simannaa Waliin Ta’uun Ibsa Gaazeexessummaa Kenne.

“Heerissee”n heera barsiifataa kan ummanni Sommaalee Issaa durii ittiin walbulchaa tureefi heera hinbarraawin yommuu ta’u dhiheenyatti akka iddoo Ambaa Seenaatti Galmee Addunyaa Kan ta’e “UNESCO”rratti akka galmaa’u taasifamuu hordofee jilli ummata Somaalee Itoophiyaa, Somaaliyaafi Jabuutii bakka bu’uudhaan heericha Yaa’ii “UNESCO” gaggeeffamerratti beeksisuun Waraqaa Ragaa fudhachuun Boru gara Bulchinsa Dirree Dhawaatti deebi’aniif simannaan gaariin kan taasifamuuf yommuu ta’u simannaa jilichaaf taasifamu kana ilaalchisuun Hojigaggeessaa Olaanaa Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Injinar. Jamaal Ibrahim Ibsa gaazeexeessitootaaf kennaniiti jiran.

Hogganaa Waajjira Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Mikiyaas Indaalee gamasaaniitiin Heerri barsiifata kan Jechaan Ummanni Somaalee Issaa Itti Fayyadamaa turan kuni akka addunyatti galmaa’uufi akkuma godaambaa biyyoota Sadeen Gaafa Afrikaans Itoophiyaa, somaaleefi Jabuutii Walitti hedge qofa otuu hintaane Dirree Dhawaan Teessoofi Wiirtuu Hambaa kanaa akka taatu filatamuusiitiin Ummata Dirree Dhawaan ergaa baga gammaddanii dabarsuun simannaa hoo’aa jilichaaf taasifamu kanaanis sagantaaleen adda addaa kan gaggeeffamuufi qoodafudhaattoonni hundumtuu tumsa barbaachisu akka godhan ibsaniiti jiran.

Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Muktaar Gamasaaniitiin Heerissee kunuunsuufi addunyatti beeksisuun akka hawwata turizimiif ooluufi madda galii biyyattii akka ta’u kan irratti hojjetamu ta’uus ibsan.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Salaam Abbabaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *