Jijjiirama biyya teenyatti nuuf dhufe cimsinee itti fufsiisuuf lammiin kamuu gahee isaa bahachuu akka qabu jiraattoonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa tokko tokko ibsan.

Jiraattotni Bulchiinsa Dirree Dhawaa tokko tokko akka ibsanitti, haaromsi hoggansaa kan Kabajamoo Ministira Muummee Dr Abiy Ahimadiin gaggeeffamaa jiru dhimmoota Siyaasaa, Diinagdee, Hawaasummaa, akkasumaas dhimma Diploomaasiifi Haajaa Alaa irratti roga hundaan jijjiirama qabatamaa fidee jira je’an.

Jiraattonni Bulchiinsaa kun erga haaromsi biyya teenyaa taasifameen as hojiiwwan misoomaa gara garaa biyya Itiyoophiyaatifii Bulchiinsa Dirree Dhawaa keessattiis haala ajaa’ibaafi dinqiisiisaa taheen hojjetamaa jiran Ummata biyyaattiitiifi bulchiinsa keenyaa Irraa-fayyadamummaa isaanii mirkaneessuudhaan keeysattuu Miidhaginaa magaalattii daran kan jijjiire ta’uu ibsan. Dabalataanius jijjiiramni damee siyaasaa haaraa ta’e akkuma biyyattittiifi Bulchiinsa Dirree Dhawaattiis yeroo gabaabaa keessatti hujiirra ooluudhaan mul’ate kun kan Abdii ifaa nutti agarsiisee je’an.

Kabajamoo Ministira Muummee Dr Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii booda Itiyoophiyaan daandii jijjiiramaa irra akka jirtu tahuu kan lbsan jiraataan bulchiinsa Dirree Dhawaa Obboo Shemshedin keeysattuu hidhamtoonni Siyaasaa, Barreeysittoonni Biloogarii, Gaazexeessitoonni fi Falmitoonni Mirga Namoomaa kanneen Manneen hidhaa hamaafii Suukaneessaa tahan keeysa turanii fi rakkoo cimtuudhaaf saaxilamaa turan jijjiiramaan booda ammoo gad-dhiifamanii bilisaan hojii isaanii itti fufaa jiraachuudhaas yaadachiisanii kun ammoomallattoo babal’ina haala siyaasaati je’an.

Obboo Iliyaas Mohaammad gama isaaniitiin paartileen siyaasaa, dhaadheesitoonni siyaasaa fi namoonni miidiyaa muraasni kanneen ifiif biyya alaa keeysa jiraachaa humnaan mootummaa hundeesina jechuun carraaqaa jiran gara biyya isaaniitti deebi’anii qabsoo karaa nagaa irratti bobba’uun ilaalchaa fi jaarmiyaa siyaasaa hunda hammate uummachuun akka sossohuu qaban waamicha dhiyeesse jira.

Dhimmoota yeroo dheeraaf biyyattii keessatti furmaata hin arganneef deebii kennuu fi sirna siyaasaa qajeelfama walqixxummaa hunda hammate irratti hundaa’uun jijjiirama fiduudhaan bu’aan qabatamaan argame carraa angoo Sadarkaa Ministeeraa irraa kaasee hanga sadarkaa gadiitti gara mootummaa keeysatti galuun iddoo hoggansaatti akka hojjechuu danda’an kan dandeessise Mootummaa jijjiiramaa kana tahuus hubachiisaniiru.

Jiraataan bulchiinsa Dirree Dhawaa kan biraa ammoo Obboo Mohaammad Abbaas, haaromsi yeroo mootummaan ce’umsaa gara aangootti dhufe gaggeeffame haala Itiyoophiyaan itti socho’u irratti jijjiirama guddaa fidee kan jiru ta’uu akeekuun, dhaabbileen siyaasaa ykn qaamni ummataan bakka bu’a jedhu kamiyyuu yaada isaa bilisaan akka fadhetti ibsuun gocha haaraa ta’uu ibsan.

Mootummaan gara biraatiniis Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa walabaa fi bilisa ta’e hundeessuun Itiyoophiyaa keessatti filannoon walabaa fi haqa qabeessa ta’e akka gaggeefamuuf haala mijeessaa kan jiru tahuu kan hubachiisan ammoo Obboo Tsadiqaan, Boordii kana haariyaan irra deebii’anii gurmeessuudhaan hojii isaa bifa walaba ta’een akka raawwachiisuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatamaa jiraachuun isaa kan nama dinqisiisu ta’uu ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *