Waggaa Sadee Arraa kan hundeefame Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Dirree Dhawaa kan miseensota Ogeeyyii Fayyaa 985 qabu yoo ta’u Guyyaa arraa “Ogeeyyiin Fayyaa Dadamaqoo, Bashaashaa fi Garalaafeyyiin Imala Badhaadhinaaf” mata-duree jedhuun waggaa 3ffaa hundeefama Waldaa fi Guyyaan Ogeeyyii Fayyaa Dirree Dhawaa kabajan.
Ogeeyyiin Fayyaa Tajaajila Walaansaa fayyaa Qulqulina ol’aanaa qabu laachuu Akka danda’aniif dandeettii fi beekumsa isaanii guddisuuf leenjii yeroo gabaabaa fi Dheeraa Akka argachuu qaban Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Stigeraadaa Kiflee eeranii Keessattuu Ogeeyyiin Fayyaa Dadamaqoo, Ga’uumsa qabanii fi Garalaafeyyiin Tajaajila Walaansa fayyaa Qulqulina qabu waliin ga’uuf Akkaan balaachisaa ta’uus addeessan.
Keessattuu Ogeeyyii Fayyaa Tajaajila Walaansaa Qulqulina qabu horachuufi akkasumaas Naamusaaniis kan fooyya’aniifi tajaajilli hawaasaaf laataniis fooyyessuuf hojjatamaa jiraachuu Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Stigeraadaa Kiflee ibsan.
Kurfii kana irratti sagantaan Dhiiga Arjoomuus geggeefameer


