Itoophiyaa Tarree Biyyoota Badhaadhaniitti Akka Hiriirtu Gochuuf Mul’ata Qabame Milkeessuudhaaf Dargaggoota Ga’oomsuun Kan Barbaachisu Ta’uun Ibsame.

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Mataduree “Ijaarsa Dhaloota Ida’amuu Olka’insa Itoophiyaa” jedhuun Gurmuuwwan dargaggoofi Dubartootaa paartii Badhaadhinaa leenjii dandeettii cimsuu kenne.

Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar waltajjicharratti argamuun haasaa taasisaniin Itoophiyaa tarree biyyoota badhaadhaniitti hiriirsuuf Mul’ata qabanne milkeessuuf qabeenya qabnu Hundumaa sirnaan itti faytadamuun kan barbaachisu ta’uu eeranii akka biyyaattis ta’ee akka bulchinsaatti piroojektoota gurguddaa hojjetaman jiranii caalatti foyyamoo kan ta’an dargaggoofi dubartoota akka ta’an ibsan.

Rakkooleefi gufuuwwan qunnaman bara carraatti geeddarachuun Itti fayyadamuu qabna kan jedhan Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf Paartiin Badhaadhinaa roga hundaa’ee jalqabee dhiibbaawwan diinotaafi ergamtootaa keessaafi alaan biyya keenyarratti aggaamame ofirraa qolachuudhaan imala Badhaadhinaa isii Itti fufuu ibsaniiti jiran.

Leenjicha kan Kennan Hogganaa Itti Aanaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Shaakir Ahmed Mul’ata gurguddaa sadarkaa sadiin: Bara 2018tti Itoophiyaa abdiirraa gara ifa qabatamaatti , Bara 2023 Itti Itoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa Afrikaans akka taatu gochuufi bara 2040tti immoo fakkeenya Badhaadhinaa Idil-addunyaa taasisuuf paartichi hojjechaa jiraachuu ibsaniiti jiran.

Leenjichi dhimmoota sadeen kanarratti mari’achuudhaan guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uun beekameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *