Filamtoonni Aanaa 04 Ummata filatee waliin Rakkoolee Hawaasa Aanichaa irratt mari’atan.

Filamtoonni Aanaa 04 baaka Bu’uun Mana Marii Dirree Dhawaaf hawaasa Aanaa 04 filaman waliin Rakkoolee Hawaasa Aanichaa irratt mari’atan.

‎Waltajjii kana Irratti Aanaa 04 bara Bajataa 2017tti hojiiwan ijoo raawate Kan mul’isu barruun erga dhiyaateen booda hirmaatonni Marichaa gaaffii fi yaadota bal’aa Kan kaasan yoo ta’u gaaffii fi yaadonni kaasan Kan ijaarsa bu’uraalee Misoomaa, Carraa hojii dargaggootaa fi Warshaa Simintoo Naashinaaliin Kan walqabatan Kan kaasaniiru.

‎Rakkoo Sassaabii. Balfaa fi Hanqina Manneen Barnootaa gaaffiiwan hirmaatotaan ka’an keessaahi

‎Dhuma irrattiis Filamaa Aanichaa fi Hooganaan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqaa fi Filamtuu Aanichaa fi Itti-Aantuun Hoogantuu Biiroo Misooma Ga’uumsa Dandeettii hojii fi Carraa Hojii Adde Faaxum Musxafaa gaaffii fi yaadota Jiraatotaa Aanichaa irraa ka’aniif ibsa bal’aa laataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *