Jalqabamuu Bara Barnootaa 2017 sababeefachuun Waldaan Aksiyoona Warshaa Simintoo Naashinaal Baasii Birrii Miiliyoona 1.2 oliin Deegarsa meeshaalee barnootaa Baratoota Kum tokko kan Manneen barnootaa kan Kutaa Baadiyaa fi Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Baratoota Manneen barnootaa 11 kan lakkoofsaan kum tokko ta’aniif deegarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.
Sirna Walharkaa fuudhiinsa deegarsa meeshaalee barnootaa kan Baratoota Manneen barnootaa sadi kan Bulchiinsa Aanaa 04 taasifame irratti haasaa kan taasisan Hoji-Raawwachiisaa Ol’aanaa Waldaa Aksiyoona Warshaa Simintoo Naashinaal kan damee Dirree Dhawaa Obbo Lii’oo Juushoongi akka jedhanitti Warshaa Simintoo Naashinaal hawaasa naannawa isaa roga adda addaan fayyadamoo taasisuuf hojiiwan raawwatu keessaa tokko deegarsa meeshaalee baratootaaf taasisuudha jedhanii deegarsa kana isin Abdii hegeree Warshaa keenyaa, Kan Bulchiinsaa fi Kan biyya teessanii taasisuuf isin arguu kiyyaa Gammachuun ol’aanaa natti dhaga’ame ibsaa jabaatanii akka baratan erga jedhaniin booda Deegarsi kuniis kan jalqabaati malee kan dhumaatiimitii jechuun himan.
Itti-Aanaan hoogganaa Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Abubakar Adoosh gama isaaniin deegarsi Warshaan Simintoo Naashinaal taasise kun hojii Barnoota qulqulluu lammiilee hundaan ga’uuf raawwatamaa jiru milkeessuuf Deegarsi fakkaataa shoora ol’aanaa qaba jedhanii dhaabilee fi Abbootiin qabeenyaa fi Hawaasni marti tumsuun hunduu shoora gama isaa akka gumaachuus dhaaman.
Hoji-Raawwachiisaa Bulchiinsa Aanaa 04 Obbo Usmaa’il gama isaaniin Warshaan Simintoo Naashinaal jalqabamuu Bara Barnootaa sababeefachuun deegarsa meeshaalee barnootaa kana fakkaatu waggaa waggaan taasisaa jiruu fi roga Hawaassummaa kanneen birootiiniis deegarsa adda addaa hawaasa Aanaa 04 taasisaa tureefiis galateeffachuun Hoji-Raawwachiisaa Ol’aanaa Waldaa Aksiyoona Warshaa Simintoo Naashinaal kan damee Dirree Dhawaa Obbo Lii’oo Juushoongi kennaa meeshaa Aadaa fi Xalayaa Galataa laataniiru.
Abdii Adamiin
Suuraan Muluwaalam Dasee


