Leenjiftoota Ol’aanoo Biyya Faransaayiin kan Dhaabata Kaaksi EPiPiYuuIi jedhamu irraa dhufaniin Hojjatoota Qajeelcha Waliigala Poolisii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Gaggeesotaa fi Miseensota Divizinii Ittisaa fi To’annoo Balaa Tasaa Ibiddaa, Hojjatoota Naannawa Daldala Bilisaa , akkasumaas Kan Naannoo Hararii fi Kan Naannoo Soomalee leenjiin hirmaachisu Kun leenjiin kennamuu jalqabe Kun kan ittifufe yoo ta’u guyyaa arraa leenjichi Mooraa Naannawa Daldala Bilisaa Dirree Dhawaatti kennameera.
Guyyaa kana Dirree Dhawaatti Hogganaa Divizinii Balaa Tasaa fi To’annoo kan ta’an Inispeektar Faxana Kaasaayee Akka jedhanitti Mooraan Naannawa Daldala Bilisaa Dirree Dhawaa iddoo meeshaan baay’een jiru waan ta’eef maashaa ga’an fi Ga’uumsaan of cimee Akka hojjannuuf leenjiin Kun bu’aa guddaa qabaa jedhan.
Inispeektar Faxanaan ittidabaluuniis leenjiftoonni leenjichi laachaa jiran damee kanaan warra muuxannoo bal’aa qaban ta’uun daran faayidaan nuuf qabu guddaa kan taasisuun jedhan.


