Guyyaan Dhiyansa Manabarumsaa Sadarkaa Ardii Afrikaatti yeroo 9ffaafi Akka Itoophiyaattimmoo yeroo 5ffaaf mataduree “Dhiyansa Mana Barnootaa Biyyaaleessaarratti Qabeenya Dhangalaasuun Ijaarsa Dhaloota Fooyya’aaf!” jedhuun Dirree Dhawaa manabarumsaa Alii Birraatti bifa miidhagaan kabajamee oole.
Kabajamoo kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar sagantaa kanarratti argamuun haasaa yommuu taasisanitti sagantaan dhiyansa manneen barnootaa kanaan rakkoolee qaaloowinsa jireenyaatiin maatiiwwan barattootaa harkaqalleeyyii mudachuu malan hambisuu danda’uu bira dabree barattoonni tasgabbiifi qalbii guutuun baruumsa isaanii akka hordofan gochuu danda’uu himan.
Kabajamoo kantibaan sagantaan kuni akka biyyaattis ta’ee akka bulchinsaatti xiyyeeffannaa guddaadhaan kan irratti hojjetamaa jiru eeranii qaamota sagantaa kana qabeenyaan beekumsaafi humna qabaniin tumsan galateeffatan.
Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliiyyii gamasaaniitiin sagantaa mana barnootaa dhiyansuu kana milkeessuuf baasiileen mana kuusaa, mana nyaanninitti qophaa’u ijaaruu meeshaaleefi kaffaltii hojjettoota, bishaan dhugaatii hundumaa hawaasa naannootiin akka haguugamu taasifamuu eeranii bu’aqabeessummaa sagantaa kanaa hubachuurraa kan ka’e, kaka’umsaa Kantibaa Kadiir Juhaar taasisaniin daa’immaan maatii harka-qalleeyyii manneen barnootaa hedduu keessaa harca’uu malan hambisuun danda’amuu eeranii kunimmoo cimee akka itti fufuuf hundumtuu waan qabuun sagantaa kana akka tumsan dhaamaniiti jiran.
Dhimmi barnootaa nyaataa waliin hidhata guddaa qabaachuu kan dubbatan Ministira Barnootaatti Itoophiyaatti Deetaan Ministira Damee Qulqullina Barnootaa, Aadde Ayyalach Ishetee sagantaan dhiyansa manabarnootaa hirmaannaafi haguuggii barnootaa guddisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu himuun sagantichi rakkoolee wabii midhaan nyaataa mudatu hir’isuu bira darbee daa’imman hedduun gara mana barumsaa akka dhufan gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiti jiran.
Sagantaa kanarratti Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar, Deetaa Ministira Qulqullina Barnootaa, Aadde Ayyalach Ishetee dabalatee Aangawoonni olaanoo Bulchinsaafi Federaalaa Bakka bu’oonni Dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaa,
abbootii qabeenyaa, abbootiin amantaafi jiraattoonni Ganda Gabbataafi hawaasni mana barnootaa Dr. Alii Birraa hirmaataniiti jiran.


