Bulchinsa Dirree Dhawaatti Waltajjiin Gamaaggama Gabaasa Raawwii Karoora Hojii ji’oottan sagalan dabran bara baajataa 2016 kan Dhaabbilee Seektarootaa Mana Qopheessummaa, Har’a ganamarraa kan gaggeeffame yommuu ta’u waaree boodas gamaaggamni Gabaasa Raawwii Aanaalee Magaalaafi Kilaastaroota Baadiyyaa Taasifame..
Waltajjii Gamaaggama gabaasa aanaalee kanarratti Gabaasonni aanaalee saglan Magaalaafi Kilaastaroota afran baadiyyaa dhihaachuudhaan duubdeebiifi yaanni waltajjiiraa ka’uun mariin bal’aan kan gaggeeffame yommuu ta’u Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar kallattiin kennaniin fuulduraaf seektaroonni hundumtuu walhubannaafi qindoominaan hojjechuurratti, hojii tajaajila hawaasummaafi miidhaginaafi qulqullina magaalaarratti Xiyyeeffachuu akka qaban akkasumas bara baajataa 2017 tti karoorri qophaa’uuf kallattiin kennaniiti jiran.
Kantibaan Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh gamasaaniitiin ciminootnni jiran akka itti fufan hanqinoota jiraniifi raawwiiwwan gadaanaa galmaa’anirratti fooya’insi taasifamuu akka qabuufi ji’oottan sadan hafan keessatti dhimmoonni fooyya’uu qaban akka fooya’an dhaamsa dabarsuun waltajjichi goolabameeti jira.


