Ganama har’aa sa’aatii 12:00 irraa eegalee addabaabayii Lagahar irraa sochiin ispoortii fi sochii qaamaa eegalame, itti aansuunis hojiiwwan misooma koridoorii bulchiinsi kun gaggeeffaman miilaan deemuun, akkasumas agarsiisa suuraa ilaalcha waliigalaa ayyaana waggaa sadan darban torbaan Dharraa Dirree Dhawaa keessatti gaggeeffamaa ture agarsiisu, fi sagantaa dhandhamaa nyaata mi’aawaa fi aadaa qophaa’e.
Qondaaltonni bulchibsaa olaanoon Kantiibaan Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhar, Ambaasaaddar Fitsum Araggaa fi diasporaan kutaalee addunyaa adda addaa irraa, fi jiraattonni magaalichaa imala baaburaa naannoo Fuuldura warshaa Food Kompileeksii Dirree Dhawaa irraa eegalee hanga Shinnilee irratti hirmaataniiru.


