Jilli Hoggantoota Olaanoo Bulchinsa Dirree Dhawaafi Aanaalee 9n Magaalaafi Kilaastaroota Baadiyyaa Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaariin Durfamu Daawwannaa Hojiif Magaalaa Jimmaatti gageessaa jiru.
Jilichi kenninsa Tajaajilaa Fooddaa tokko, hojiirra oolmaa rifoormii biiroo naannoo hojii miijataafi araraafama tajaajilamtootaa hambisuuf sirna kenninsa tajaajilaa dijitaalawaa Magaalaa Jimmaatti hojiirra oolaa jiru naanna’uun daawwteeti jira.
Kantibaa Magaalaa Jimmaa Obbo Xaahaa Qamar dhiimmoota daawwatamanirratti jilichaaf ibsa bal’aa kan kennan yommuu ta’u, jijjiiramaan duratti qoosaa “Dulloomnaan Akka Magaalaa Jimmaa” jechuun dubbatamaa ture akka magaalattii qabeenya uumamaa qabduun hinmisoomne gooloon irra kaa’amee akka ture eeranii waggoottan 6n darban keessatti garuu hojiileen hoggansaafi gootummaa jijjiiramaa keessatti hojjetamaniin Jimmaan Magaalaa Dorgommii keessa galteefi Bulchinsaa magaalaa Dirree Dhawaa immoo Hariiroo obbolummaa magaalota lameenii cimsuuf fulleeffannoo taasise dinqisiifateeti jira.
Jilichi turtii Daawwannaa Magaalaa Jimmaatti taasisuun hojiilee Misooma Koriidaraa, eegumsaafi kunuunsa godaambaafi Hambaalee, dameewwan industiriiwwan oomishaarratti muuxannoowwan gaggaarii Magaalaa Jimmaa waliin akka qooddatu eeggama.


