Mata-duree Itoophiyaan gara Biyya fakkeenyaatti jedhuun bara kana 2018 kan gaggeefamu Filannoo Marsaa 7ffaa Biyyaalessaa fi Naannolee irratti Qaadhimamtoota Paartii Badhaadhinaa Bakka bu’uun Qaadhimamtoota dorgoman waltajjii ifoomsuu Gaggeesseera.
Sagaantaa Kana irratti haasaa kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Akka jedhanitti Paartiin keenya Paartiin Badhaadhinaa Waggoota bara Jijjiiramaa darban keessatti Akka Biyyaattii Bu’aawan baay’ee galmeessaa dhufuu himanii.
Haala Kanaandura ture Cabiinsa damee Dinagdee, Hawaassummaa fi Siyaasaa Biyya teenyaa Kabsachiisuuf hojiiwannbaay’ee raawachuudhaan milkaa’inoota baay’ee galmeessuu addeessanii Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Marsaa 7ffaa Biyyaalessaa fi Naannolee irratti yeroo dorgomu Filanichi Dimokraatawaa, haqaqabeessaa fi akkasumaas Bilisaa fi Amanamaa ta’e gaggeessuu xiyyeefannoon Akka hojjachaa jiruus beeksisan.
Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Marsaa 7ffaa Biyyaalessaa fi Naannolee irratti Qaadhimamtoota dhiheesse Woohoo Barmootaa qabanii fi Naamusa qaban irratti Qaadhimamtummaaf dhiheessuus ibsan.


