Hojjatoonni Biiroo Dhimma Kumunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Xumuramuun Hidha Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun Mariin paanaalii gaggeessan.
marii kana irratti Hooganaan Biiroo Dhimma Kumunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqaa akka jedhanitti Ijaarsa Piroojektii Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa Lammiiwwan Itoophiyaa tokkummaan ta’anii hojii boonsaa raawatanii jedhan.
Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaatiin daran badhaate qabeenya biyya teenyaa kana tokkummaan fayyadamnee biyya teenya Itoophiyaa gara Badhaadhina hundagaleessaatti ceesisuuf hojii akka biyyaatti jalqabame akka milkaa’uuf Gaggeesota fi Hojjattoonni Biiroo Dhimma Kumunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa dirqama Lammummaa, kan Hojii fi Ogummaa daran cimsanii bahachuu qabuu jedhan.
Marii paanaalii kana irratti Barreeffamni seenaa Abbayyaa fi imala ijaarsi Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa irratti xiyeefate dhiyaatee mariin irratti gaggeefameera.


