Duula talaallii pooliyoo marsaa 3ffaa walitti hidhameen daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e kuma 97 ol ta’an baadiyyaa fi magaalaa bulchiinsa kanaa keessatti talaallii ni kennama.
Duulli talaallii pooliyoo marsaa 3ffaa har’a sirnaan eegalame Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar ifatti eegalameera.
Duula talaallii pooliyoo marsaa 3ffaa kana irrattis Bakka Bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Doktar Saaraa Malumoo, gareen pooliyoo UNICEF, abbootiin amantaa, ogeeyyiin fayyaa, hoggantoonni aanaa fi keessummoonni affeeramanii argamaniiru.
Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar saganticharratti haasawa taasisaniin, bulchiinsi kun duula talaallii vaayirasii pooliyoo ittisuu fi to’achuuf taasifamaa jiruun pooliyoo dhabamsiisuuf tattaaffii barbaachisaa ta’e hunda deeggaruuf kutannoo qaba jedhaniiru; warri, abbootiin amantaa, maanguddoonni, hawaasni barnootaa fi dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa biroo duulli kun akka milkaa’uuf deeggarsa taasisan itti fufuu akka qaban dhaamaniiru.
Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Yuusuf Saayid, duula talaallii pooliyoo marsaa 3ffaaf qophii bal’aa taasisuu isaa hubachiisuudhaan, duula talaallii kana milkaa’inaan raawwachuuf qooda fudhattoota hunda gidduutti qindoominni baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Doktar Saaraa Malumoo, Hoggantuun Garee Pooliyoo UNICEF yeroo eebba sagantichaa ergaa isaanii dabarsaniiru.


