Bulchinsatti Walakkeessa Bara Baajataa Baajataa 2017 Kanatti Raawwiin Hojii Dhibbeentaa 90% ol Raawwatamuun Ibsame.

Bulchinsi Dirree Dhawaa gamaaggama raawwii karoora hojii Dhaabbilee bulchinsaafi mana qopheessaa magaalaa kan walakkeessa Bara Baajataa 2017 gamaaggamaati jira.

Gabaasa raawwii kurmaana lammaafaa dhihaateenis Roga Kaayzanii hojiirra oolchuutiin qisaasama qabeenyaa Birrii Mil. 5tti shalagamu hambisuuf karoorfamee birr mil 14 ol qisaasama hanbisuun danda’amee jiraachuufi raawwii kaayzaniirratti gaggeessitootaafi hojjettoota 476f lrenjiin hubannoo cimsuu kannamuun ibsameeti jira.

Gama Carraa hojii Uumuutiin abbootii qabeenyaa kaappitaal birrii Bill 3 olgalmerssaniifi carraa hojii dargaggootaa kuma 2 oliif carraa hojii yeroofi dhaabbataa human 245 ol invastimantitti galchuun kan ibsame yommuu ta’u, kanaanis dhubbentaa 100% milkaa’uu gabaafameeti jira.

Gama biraatiin galii bulchinsaa sassaabuutiin, Roga tajaajilaa, Roga fayyaa Barnootaan, Galii mana qopheessaa magaalaa dabaluurrattifi Dhiheessaafi babal’insa bishaan dhugaatii akkasuma Invastimantiifi turizimmii irratti, Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaafi dargaggootaa babal’isuu irratti akka waliigalaatti rawwiiwwan jajjabeessaafi karoora ol milkeessuu kan danda’ame ta’uun ibsameeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *