Waldaan Liqii fi Qusannoo ‘SWift’ konkolaatota elektirikaan hojjatan miseensota qusatan 20f laatan

Guyyaa har’aa konkolaattonni 20 miseensota waldiyichaa dursanii qusataa turaniif dabarsee kennee jira.

Waldaan Liqii fi Qusannoo Swiiftii damee geejjibaa ammayyeessuun baasii boba’aa qusachuudhaan konkolaattota moodeela bara 2025 qulqullina olaanaa qaban magaalaa keenyatti galchuudhaan kan beekamu konkolaattota elektirikii 200 tajaajilaaf dhiyeessee jira.

Sirna walharkaa fuudhinsa kanarratti Bulchiinsa Itti Gaafatamaa Waajjira Badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa Kabajamoo obbo Ibraahim Yuusuf argamaniiru.

Hogganaan bulchiinsi kun waadaa galame qabatamaan hojiirra oluu gammadaa ta’uu saa ibsuun namoota gahee olaanaa kana taphate hunda galateeffatan ta’uu fi jiraattota bulchiinsichaaf carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, faalama naannoo hir’isuu, aadaa qusannaa dabaluu, baasii boba’aa hir’isuun dinagdee keessatti gahee olaanaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru.

Hogganaantuu Waliigalaa Abbaa Taayitaa Geejjibaa fi Loojistikii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Shukrii Abdurahmaan gama isaaniitiin, Swiiftiin konkolaattota dullooman, keessattuu Peugeots buufata xiyyaaraa irraa eegalanii akka taaksii ta’anii magaalattii tajaajilaa jiran bakka buusuun, daandiiwwan koridoorii keessatti misoome irratti tajaajila taaksii kennuu akka itti fufu beeksisaniiru.

Hundeessaa fi hoji gaggeessaan Waldaa Swift Transport Obbo Biruukel Ashabir konkolaattota itti fayyadamuuf salphaa fi mijataa ta’an kanneen damee geejjibaa daran ammayyeessuun magaalattii fooyyessuu danda’an, dhiibbaa baasii boba’aa fi faalama naannoo hir’isuu danda’an, akkasumas karoora kaffaltii waggaa shaniin filannoo dhala irraa bilisa ta’e gatii madaalawaadhaan kennuu isaaniif dhiyeessuu isaanii beeksisaniiru, kunis amantaa jiraattota bulchiinsa kanaa irra caalaan isaanii tilmaama keessa kan galchu jechuun dubbataniiru.

Dandeettii faayinaansii cimsuun miseensoota fayyadamoo taasisuu fi baasii boba’aa irraa kan ka’e dhiibbaa diinagdee biyyoota alaa irraa biyyattii baraaruun fayyadamoo taasisu kun, liqii mana jireenyaa, barnoota, daldalaa, fayyaa, fi hawaasummaaf liqii mijeessuun aadaa qusannaa jiraattota bulchiinsa kanaa guddisuun damee geejjibaa bira darbee tajaajila kennaa turuu isaa obbo beeksiseera.

Miseensoota konkolaattota kana fudhatan keessaa fayyadamtoonni har’a dubbisne sirni liqii gosa kanaa hojiirra ooluu isaatiin qusannoo aadaa taasisuu qofa osoo hin taane, dhala xiqqaadhaan waggoota muraasa keessatti abbaa konkolaataa ta’uun akka isaan gammachiise himaniiru; jechuunis Dhaabbata Qusannaa fi Liqii Swift jecha isaa hojiitti hiikuuf galateeffataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *